• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti manneen qonnaan bultootaa loltoota Bilxiginnaan gubachuu jiraattonni ibsan 

Jan 19, 2026

ONM-ABO Amajjii 19, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Soojjii Saadee keessatti loltootni Bilxiginnaa gaafa Amajjii 14, 2026 manneen qonnaan bultoota qabeenya guutuu wajjin abidda itti shiduun gubanii barbadeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoota manneen isaanii gubate keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Maammuu Ahimad Turaa fi
  2. Safiyyaa Haaji Waariyoo Jiloo 

kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota kanneen lamaan jalaa meeshaalee mana keessaa dabalatee midhaan kuntaalli 20 abiddaan gubatee akka barbadaa’e jiraattonni bal’inaan ibsaniiru.

Namoonni kunneen yakka tokko kan hin qabne ta’uu fi sababa Oromoo ta’an qofaaf murna nama nyaata impaayera Itoophiyaan qabeenyaa fi mana isaanii akka dhaban akkasumas namoota hedduu reebuun akka miidhaa irraan ga’anis jiraattonni ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading