ONM-ABO Amajjii 19, 2026
Godina Lixa Harargee Aanaa Daaroo Labuu, Araddaa Gurraagsaa keessatti hidhattoonni faashistii PP maqaa gibiraa fi inshuraansii jedhuun uummata harka qalleeyyii irraa maallaqa saamaa jiraachuun himameera.
Akka jiraattotni ibsanitti, hidhattoonni kunneen namoota maallaqa gaafatan kaffaluu dadhaban irratti doorsisaa fi humnaan tarkaanfii fudhachaa jiru.
Haala kanaan, gaafa Amajjii 10, 2026, obboloota lama kanneen maqaan isaanii:
- Sinaaf Jibriilii fi
- Asadoo Jibriilii
jedhaman sababa maallaqa isaan irraa gaafatame kaffaluu dadhabaniif hidhaatti darbamaniiru.
Kana malees, namni maqaan isaa Fuwaadoo Sheek Bayaan jedhamu hidhattoota sirnichaan akka malee reebamee, achi booda mana hidhaatti darbamuu isaa jiraattonni himaniiru.
Reebichi hammaachuun irraan kan ka’e dhukkubbiin itti cimee waan tureef, halkan lama waajjira poolisii keessatti erga tursiifamee booda gad-lakkifamuu dabaluun ibsaniiru.
Uummanni naannoo sanaa rakkoon akkasii namoota baay’ee irra ga’aa jiraachuu himuun yaaddoo guddaa keessa jiraachuus dubbachaa jiru.



