• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu bulchinsaa magaalaa Mandiitti barataan kutaa 12ffaa tokko loltoota faashistii PPn ajjeefamuun ibsame

Jan 19, 2026

ONM-ABO Amajjii 19, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchinsa magaalaa Mandiitti Barataa Misgaanaa Eebbisaa Baarudee humnoota waraana Bilxiginnaan ajjeefamuun sirni awwaalchaa isaa kaleessa Amajji 18, 2025 raawwatamuun ibsame.

Misgaanaan dhalataa godina Lixa  Wallaggaa aanaa Mana Sibuu, ganda Toggir Aroo Gombii ta’e, humnoota waraana faashistii Bilxiginnaan ajjeefamuun isaa hawaasa Oromoo biratti yaaddoo fi gadda guddaa uumeera.

Misgaanaan Eebbisaa, yeroo ammaa barnoota isaa itti fufsiisuuf Magaalaa Mandii, naannoo Dachaa Haphalaa jiraachaa ture. Akkuma odeeffannoon argameetti, dargaggoon kun Sanbata  darbe galgala sa’aatii 2:00 hanga 3:00 gidduutti, humnoota hidhatanii mootummaa Bilxiginnaan bakka qubsuma isaanii irraa sochii taasisaniin ajjeefame.

Ajjeechaan suukanneessaan kun sababa Waraana Bilisummaa Oromoof heeruu laatta jedhuun raawwatamuu kan himan, maatii isaa, firoottan, hiriyyoota fi hawaasa naannoo sanaa keessaa gadda guddaa fi aarii hammaataa uumeera. Namoonni naannoo isaanii akka jedhanitti, Misgaanaan dargaggoo barnoota jaallatu, hawaasa isaa keessatti beekamaa fi nama rakkoo hawaasaaf dhimmee dubbatu tahu himu.

Sirni awwaalchaa dargaggoo Misgaanaa kaleessa bulchiinsa magaalaa Mandiitti, hirmaannaa uummataa bal’aa waliin, haala gaddisiisaa ta’een raawwatameera. Yeroo awwaalchaa kanaatti, uummanni hirmaate ajjeechaa dargaggoota irratti raawwatamaa jirus balaaleffannaa godhaa turan.

Ajjeechaan Misgaanaa kun tarree ajjeechaa dargaggoota Oromoo godinaalee adda addaatti raawwatamaa jiruu keessatti kan lakkaa’amu ta’ee, rakkoon nageenyaa fi mirga namoomaa daran akka hamaa ta’uus agarsiisa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading