• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii fi Gimbii keessatti saamichi ulfaataan waraana maafiyaa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamuun ibsame

Jan 20, 2026

ONM-ABO Amajjii 20, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii gandoota kannen akka Axoosii Siibaan, Warra Baabboo Siibaan fi Buukkoo Assaabii keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha maqaa inshuuraansii fayyaa fi gibiraa jedhuun qarshii 2000 fi isa ol dirqamaan irraa funaanaa jiraachuun ifoome.

Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti waraanni Bilxiginnaa kun yeroo maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobba’an qarshii kana dirqamaan akka funaananii fi yeroo hawaasni gandoota kanneen irraa gara magaalaa Innaangoo deeman qarshii dirqamaan akka kaffalan gochaa jiraachuu ibsaniiru.

Oduuma walfakkaatuun aanaa Gimbii bulchiinsa magaalaa Gambeelaa keessatti immoo daldaltoota buna bitan hundumaa waliitti qabuun waajjirri bunaa fi shaayii liqii ulfaataa keessa waan jiruuf dirqamaan keessaa baasuu qabdu jechuun tokko tokkoon daldaltoota bunaatti qarshii 20,000 murteessuun doorsisanii irraa funaanaa jiraachuun ibsameera.

Murni Bilxiginnaa kufaatii gama hundaan isa mudatee jiru, keessayyuu immoo gama siyaasaa fi dinagdeen waan qabuu fi dhiisu wal’aaluun gochawwan saamichaa fi miidhaa adda addaa uummata Oromoo irratti raawwachaa akka jiru irra deddeebiin gabaasa jirra.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading