• Sun. Sep 20th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Roobee Didaa’a keessatti loltoonni Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa saamuu fi gubaa jiraachuun ifoome

Jan 31, 2026

ONM-ABO Amajjii 31, 2026 

Amajjii 27, 2026 aanaa Roobee Didaa’a ganda Walta’ii iddoo addaa Tulluu jedhamu keessatti loltootni Bilxiginnaa qabeenya qonnaan bultoota hedduu saamaa kan turan yoo ta’u, namoota saamaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Tamaam Adam re’ee 10 fi harree 1,
  2. Hajjii Kadiir Harree 1,
  3. Amaan Aadam re’ee 35 jalaa fudhatanii jiraachuu jiraattonni ibsaniiru. 

Aanichuma ganda Walta’ii Hindatoo iddoo addaa Balbaltoo jedhamu keessatti immoo manneen qonnaan bultootaa jumlaan gubanii kan barbadeessan yoo ta’u, namoota manneen jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu gahe:

  1. Iisaa Huseen, 
  2. Iisaa Nurraa, 
  3. Sheek Kadiir Abbichoo, 
  4. Muhammad kabir- Huseen, 
  5. Sulxii Huseen, 
  6. Huseen Mahaammad,
  7. Huseen Fatoo fi
  8. Ahimad Muhaammad 

kanneen jedhaman yoo ta’an, walumaa gala mana citaa 25 fi qorqoorroo 3 yeroo takkotti abiddaan gubanii daaressuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu saamichaan immoo gandichuma keessaa beeladoota hedduu fudhataniiru. Namootni beelladootni jalaa saamame:

  1. Isaamil Aloo fi
  2. Sayidoo Abdoo Sulxaan re’ee 9 kan jalaa fudhachuun  

godinichuma aanaa Balee Gasgaar ganda Akkiyyaa Qirbinyee keessattis nama maqaan isaa: 

  1. Obbo Qaasim Qamar Tilmoo jedhamu jalaas re’oota 9 fudhatanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni haala kanaan qe’ee fi qabeenya isaanii guutuu dhaban akkaataa itti maatii isaanii jiraachifatan wallaaluun hawaasa jala harka qabachuu fi maatiin gargar faffaca’aa jiraachuus jiraattotni dabalataan eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading