• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti waraanni nama nyaataa Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti geggeessuu hammeessan

Feb 1, 2026

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa bakka addaa Shaayii Dullachaa jedhamu keessatti waraanni goolessituu PP Amajji 27, 2026 qonnaan bulaa Obbo Faqqadaa Waaqtolaa jedhamu jalaa boqqolloo kuntaala 20 ol ta’u humnaan calleessisuun fudhatanii gara magaalaa Baabboo deemuu jiraattonni gandichaa himan.

Qonnaan bulaan kun tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam irraa walaba ta’ee osoo jiruu sababa tokko malee maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun waan ganna guutuu maatii isaa guddisuuf qotate saamamuun harka duwwaatti hafuu isaa jiraattota gandichaa irraa adda ba’ee jira.

Jaleewwan Bilxiginnaa aanichaa fi guutummaa Oromiyaa cufa keessatti maqaa adda addaa da’oo taasifachuu fi sababa waliin isaa hin hubatamneen saamicha hawaasa Oromoo irratti raawwatanii dinagdee impaayerattii tinnisuufi umrii gabrummaa uummata Oromoo irratti dheeressuuf “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” maqaa tooftaa jalqabaa taasifatanii afaan qawwee gargaaramuun dararaa ulfaataa raawwatan hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading