ONM-ABO Guraandhala 3, 2026
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Somboo Disaasaa jedhamutti loltoonni sababa tokko malee qabeenya hawaasa Oromoo saamuun dantaa dhuunfaa isaanii guuttatan gaafa Amajji 29, 2026:
- Aadde Gonfee Dinqiisaa jalaa sangaa qonnaa tokkicha isheen qabdu yoo saaman,
- Obbo Darajjee Lammeessaa jalaa immoo sa’a dhaltii qarshii 50,000 baastu fudhatanii
gara magaalaa Baakkootti geeffachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bultoonni kunneen tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa walaba ta’anii osoo jiranii ergamtoonni holola malee lola hin dandeenye “ilmaan keessantu WBO keessa hidhatee jira” jechuun osoo isaan “waan ittiin maatii jiraachisnu hin qabnu” jedhanii boo’anii saamanii deemuun ifoomeera.
Deggertoonni siyaasaa sirna nam-tokkee Abiy Ahimad dantaa dhuunfaa isaanii itti ba’uu fi dinagdee impaayerattii mudate dandamachiisuuf “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromooti” maqaa jedhuun goleewwan Oromiyaa mara keessatti yeroo gara yerootti bifuma wal fakkaatuun qabeenya maatii qabsa’otaa saamaa kan jiran ta’uun ni beekama.




