ONM-ABO Guraandhala 4, 2026
Godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Biyyoo keessatti Amajjii 29, 2026 waraanni weerartu PP dargaggoota abdii eegere biyyaa baay’inni isaanii shan ta’aan maqaa “qunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo WBO qabdu” jedhun ajjeechaa jumlaa bifa sukkanneessaa ta’een irratti raawwachuu maddeen keenya bakkicha ONMtti himaniiru.
Dargaggoonni jumlan ajjeeffaman barattoota tuttuqaa siyaasaa kamirra walaba ta’anii fi yakka tokko malee sababa Orommummaa isaanii qofan yakkamanii ajjeeffaman kunnen maqaan isaani:
- Gannaa Hassan,
- Jibril Aliyyii Jaarraa,
- Abdallaa Amaan Qoomichaa,
- Aabbuu Aadamoo Badhaasoo fi
- Ibraahim Galatoo kanneen jedhaman ta’uuibsaniru.
Itti dabaluun godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Saaraa Weebaa jedhamu keessattis waraanni maafiyaa PP kun dargaggoota sadii mana hidhaa keessa baasanii jumlaan ajjeessun barameera. Dargaggoonni ajjeeffaman kunnen maqaan isaanii:
- Aadam Abdii Sa’iidoo,
- Muhaammad Alii Diigoo fi
- Muhaammad Galmoo Boruu
kanneen jedhaman bakka tokkotti haala sukkanneessaan rasaasan ajjeesuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduma walfakkaatun godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Kojii Albasoo jedhamu keessatti waraanni gara jabeeyyii Bilxiginna kun qonnaan bulaa maqaan isaa Huseen Guraaroo jedhamu yakka tokko malee sababa miliishaa keenya nuf ta’uu didde jedhuun ajjeessanii gatu himaniiru.







