• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsootti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhanii hiraarsuu itti fufanii jiraachuun beekame

Feb 4, 2026

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Dida’aa Gorbaa keessatti Amajjii 24, 2026 waraanni faashistii PP namoota nagaa uukkaamsanii hidhuun hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.

Waraanni uummata nagaa irratti yakkoota garaagaraa raawwachuu aadaa taasifatanii jiran kunneen, namoota maqaan isaanii:

  1. Barsiisaa Sanbatoo Waaqjiraa,
  2. Lalisaa Gaarumaa, fi
  3. Peexiroos Mokonnon 

jedhaman yakkuun badii tokko malee Waajjira Poolisii Aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni ONMf addeessani jiru.

Namootni armaan oliitti hidhaman kunneen hojii dhuunfaa isaanii fi kan mootummaa illee hojjechuun kan of jiraachisan yoo ta’u, waraanni faashistii PP garuu isintu Waraana Bilisummaa Oromoof odeeffannoo kennee nu rukuchiisaa jira jechuun hidhanii hanga gabaasni kun qindaa’etti mana hidhaa keessatti dararaa irratti raawwachuun lubbuu isaaniif haala yaaddessaa keessa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Murni Bilxiginnaa maqaa sobaa uummata nagaatti maxxansu malee Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo fi bakka fedhetti tarkaanfii waraana PP irratti fudhachaa ture hawaasni ammoo jiruu fi jireenya dhuunfaa isaa jiraata jechuun jiraattotni gandichaa tokko tokko dubbisne dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading