• Sat. Mar 14th, 2026

Waraanni Sudaan marfama magaalaa ijoo Kordofan Kaadugli cabsuu himate

Feb 4, 2026

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Waraanni Sudaan goolama garee  Humnoota Deggarsa Saffisaa (RSF) magaalaa guddoo Kordofan Kibbaa Kaaduglii cabsuun turtii torban tokko hin guunne keessatti tarkaanfii guddaa lammaffaa ta’uu ibseera.

Hogganaan biyyattii Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhan Kibxata kaleessaa buufata televijiinii ummataa Sudaan magaalaa Omdurman daawwachuun humnoonni isaanii daandii dhiyeessii gara magaalaa guddoo biyyattiitti geessu banuu isaanii mirkaneessaniiru.

”Ummata Sudaaniif, baga karaan Kaadugli banameef jechuu malee ibsa biraa hin qabu,” jedhan. “Ummanni keenya Kadugli jiru baga humni waraanaa dhufeef. Humni waraanaa Sudaan bakka kamiyyuu ni ga’a.”

Al-Burhaan mootummaan waraanaa Sudaan tattaaffii nagaa ni deggara, garuu RSF waliin araara dhaabuuf walii hin galu jechuun cimsee kan ibse yoo ta’u, Ebla 2023 irraa eegalee waraana biyya keessaa hamaa keessa ture.

Waldhabdeen kun biyya Baha Afrikaa kana kan gaaga’e yoo ta’u, rakkoo namoomaa addunyaa irratti isa hamaa jedhamee waamame kanaan namoonni hedduun du’aniiru miliyoonaan kanneen lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru, beelaa fi dhukkubnis akka uumame ibsameera.

Waxabajjii irraa eegalee namoonni 88,000 ol naannoo Kordofaanitti baqachuu isaanii qondaaltonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torbee kana gabaasaniiru. Uummata Kaadugli keessaa gara dhibbeentaa 80 – namoonni gara 147,000 – gara kutaalee Kibba Kordofaan biroo ykn bakka biraatti baqataniiru.

Walumaagalatti namoonni miiliyoona 13.6 lola kanaan buqqa’uun isaanii, UN Sudaan rakkoo buqqa’iinsa addunyaa guddicha akka taatetti akka ilaalu taasiseera jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading