ONM-ABO Bitootessa 10, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Siree Bargaa jedhamutti loltoonni gara jabeeyyii PP, Bitootessa 7, 2026 harmee maqaan ishee Aadde Alamiituu Dhaabaa jedhamtu qabanii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aadde Alamiituun siyaasa keessatti hirmaannaa kan hin qabnee fi badii tokko malee loltoonni sirnichaa, “abbaa manaa keetu milishaa keessaa badee, WBO’tti harka kennate” jechuun yakkanii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru.
Uummata Oromoo afaan qawween cafaqee gabrummaa jalatti dhiitee bulchuu kan barbaadu murni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti Kolonel Abiyyi Ahimad hidhattoota gara jabeeyyii fi naamusa hin qabne akkuma fedhetti bobbaasuun hawaasa meesha maleessa maqaa adda addaan yakkuun hiraarsaa ulfaataa irratti raawwachuu cimsee itti fufee jira.






