ONM-ABO Bitootessa 10, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Tubbee-Sutii keessaa Bitootessa 6, 2026 waraanni goolessaan Bilxiginnaa haadholii 2 kanneen maqaan isaanii:
- Fiixii Goljaa fi
- Adii Gaaddisaa
jedhaman maqaa dharaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ilmaan isaanii irraa qabamanii mana hiraarsaa waajjira poolisii magaalaa Botee keessatti dararaa hamaan irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomsan.
Akka jiraattonni gandichaa addeessanitti haadholiin mana hiraarsaa keessatti hiraarfamaa jiran kunneen ilmaan isaanii guddifachuun ala siyaasa dhaaba kamuu keessatti kan hin hirmaanne ta’u himuun, jiraattota naannichaa waliin jaalalaa fi tokkummaan kan jiraatan loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun uummatatti bobba’an waan qabanii gadhiisan wal’aaluun haadholii kanneen maqaa isaan quba hin qabneen dararaa agarsiisaa jiru jechuun itti dabaluun ibsaniiru.
Abiy Ahimed seenaa gurraacha uummata Oromoo irratti guyyaa guyyaan raawwachiisaa jiruun naatoo tokko uummata Oromootiif kan hin qabne ta’uun gochawwan waraana isaatiin raawwatamaa oolan addunyaa mara keessatti ni balaaleffatamu.
Loltoonni Bilxiginnaa qaamolee hidhannoon isaan fuuldura dhaabatan du’a sodaachuun uummata harka duwwaatti roorrisuun bartee aadaa isaanii kan ta’e haadholii kabajaan maluuf, hidhaa irraa kaasee hanga gochawwan suukaneessoo akka gudeeddii fi ajjeechaa lubbuu gara laafina tokko malee irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.









