• Tue. Oct 6th, 2026

Aanaa Dawaa Caffaa keessatti waraanni murna maafiyaa PP doorsisaa fi saamicha daangaa darbeen uummata hiraarsaa jiraachuun ifoome

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Godina Walloo aanaa Dawaa Caffaa ganda Guulaa keessatti Bitootessa 4, 2026 irraa eegaluutiin waraanni murna gabroomfataa Bilxiginnaa doorsisaa fi saamicha akka maleen uummata dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti, ergamtoonni sirnichaa kunneen, meeshaa waraanaa bitachuun Waraana Bilisummaa Oromoo ofirraa loluu qabdu maqaa jedhuun dirqamaan akka gandichaatti qofa maallaqa kuma dhibba saddeetii haga miliyoona tokkootti funaanaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Namoonni maallaqa kana hin kafalle ni hidhamtu jechuun nu doorsisaa jiru kan jedhan jiraattonni, adda durummaan kaadiree murna Bilxiginnaa kan ta’e nama maqaan isaa Zakiiy Ahmaduutii jedhamu akka ta’u eeruun, kaadireen kun kanaan dura illee dargaggoota baay’inni isaanii 4 ta’an, yakka tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu “jedhuun hiisisee, mana adabaa irraa baasuun bosonatti ajjeesee turuu dabaluun addeessanii jiru.

Murni Bilxiginnaa kaadirootaa fi waraana isaatti maayii ba’uudhaan, saamicha, doorsisa, mancaatii qabeenyaa fi duguuggaa sanyii uummata Oromoo irraan ga’aa jiraachuun dhugaa ifa-galaadha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading