• Fri. Mar 13th, 2026

Aanaa Boosat magaalota garaagaraa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa filannoo sobaan uummata reebuu fi gara leenjii milishaatti guuruu hammeessan

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa garaagaraa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa filannoo sobaan uummata reebuu fi dirqiin qabanii mooraa leenjii milishaatti guuruu akka hammeessan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Murni Bilxiginnaa kan warraaqsa uummata Oromoo qeerroo fi qarreen kumaatamaan itti wareegameen butee gara aangoo siyaasaa impaayerattiitti dhufe, waggoota torbaa oliif ilmaan Oromoo dararuu jabeessee jira.

Haaluma kanaan aanaa Boosat magaalota akka Doonii, Bofaa, Boolee, Fooqii akkasumas magaalaa Oolancitii dabalatee Bitootessa 8, 2026, kaabinoonnii fi hidhattoonni Bilxiginnaa  maqaa filannoo sobaa murni PP dibbee tumaa jiruun wal qabatee, kaardii filannoo fudhachuu diddan jechuun uummata nagaa manaa fi bakka hojii isaaniitti dhaquun reebanii akka kaardii filannoo dirqamaan fudhatan taasisaa akka jiran jiraattonni magaalaa kanneenii ONMtti himaniiru.

Kanumaan wal qabatee, murni Bilxiginnaa hidhattootaa fi kaabinoota isaa sirna dhablummaa barsiise bulchiinsa magaalaa Warjii Baatuu magaalaa Bofaa keessa bobbaasuun, reebichaan namoota erga baasanii booda, fedhii isaanii malee dargaggoota akkasumas namoota bultii ijaarratanii jiran osoo ijoolleen itti boossuu, halkan  mana isaaniitti bobba’anii dirqamaan qabanii deemuun konkolaataa Isuzu 2’n fe’anii leenjii milishaa akka fudhataniif sa’aatii 6:00 irratti gara magaalaa Oolancitiitti guuraa turuu isaanii keessa beektonni ni himu .

Maqaa namoota qabaman keessaa muraasni:

 1. Ambassaa Badhaasoo,

 2. Shifarraa Naannoo,

 3. Shaambal,

 4. Qumbii Eda’oo,

 5. Lammii Roobaa Hawaas,

 6. Tufaa Ambassaa,

 7. Raggaasaa Abbaa Booraa fi 

 8. Tufaa Burruusee kanneen jedhaman keessatti argamu.

Bifuma wal fakkaatuun magaalaa doonii keessaas kaardii filannoo fudhachuu diddan ittiin jechuun uummata nagaa reebuun ega goolanii booda, konkolaataa yaabaa ittiin jechuun walumaagalatti Isuzu lamaan fe’anii mana barumsaa sadarkaa 1ffaa oolancitii keessatti walitti qabaa akka jiranis beekameera.

Kanumarraa ka’uun uummanni magaalaa kanneenii humni hojjetee maatii bulchu irra deeddeebiin guuramuu irraan kan ka’e, wabii jireenya isaanii boriif kan abdatan dhabuun gochi kun akka irraa dhaabbatu murna bilxiginnaa tokkummaan balaaleffataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading