• Sat. Mar 14th, 2026

Aanaa Sibuu Siree keessatti loltoonni sirnichaa jiraattota reebuu, hidhuu fi bakka buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufan

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Caffee Jaalallee jedhamu keessatti waraanni Bilxiginnaa Bitootessa 5, 2026 nama maqaan isaa Obbo Shumannaa Amsaaluu jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaatti reebicha ulfaataa qaama laalessu erga irratti raawwatanii booda bakka buutee dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Shumannaan qonnaan bulaa siyaasa tokkollee hin hordofne yoo ta’u, jaleewwan sirnichaa garuu sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamta” jedhu itti maxxansuun yakka kana irratti raawwachuu dubbatu.

Kana malees, gandichuma keessaa guyyuma sana dargaggoo maqaan isaa Dabalaa Hayiluu jedhamus sirna dhableeyyiin waraana Bilxiginnaa kunneen bakka hojii isaatii qabanii qawwee baachisanii fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading