ONM-ABO Bitootessa 12, 2026
Godina Matakkal keessatti ajjeechaa, hidhaa fi saamichi uummata Oromoo irratti raawwatamu daran dabalaa jiraachuun maddoonni odeeffannoo naannichaa himan
Akka odeeffannoon argame mul’isutti, aanaalee akka Wanbaraa, Bulanii fi Dibaax keessatti waraanni maafiyaa Bilxiginnaa walta’uun uummata Oromoo irratti haleellaa cimaa raawwachaa jiraachuun himameera. Haleellaan kun ajjeechaa, saamicha qabeenyaa, gudeeddii fi uummata qe’ee isaanii irraa buqqisuun kan gaggeeffamaa jiru ta’uun ibsameera.
Maddeen odeeffannoo naannichaa akka jedhanitti, torban lamaan darban keessatti humnoonni hidhattootaa naannoo Amaaraa irraa dhufan humna isaanii dabalachuun waraana Bilxigginna waliin ta’anii uummata Oromoo irratti duula gaggeessaa turan. Duula kana keessatti ilmaan Oromoo hedduun ajjeefamuu, manneen jiraattootaa dhibbootaan lakkaa’aman gubachuu fi qabeenyi hedduun saamamuu himaniiru.
Jiraattoonni naannichaa akka ibsanitti, humnoonni kunneen namoota saba Amaaraa ta’an kan godinicha keessa jiraatanii fi kan naannoo Amaaraa irraa dhufan waliin walta’uun qabeenya uummataa saamuuf haala mijataa uumuun socho’aa jiru.
Akkasumas, duulli uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kun jibba sabaa qofa osoo hin taane tarsiimoo lafaa daangaa Oromiyaa irratti argamu irratti to’annoo jabeessuuf taasifamaa jiru ta’uu jiraattonni baqatanii lubbuu isaanii baraaratan tokko tokko ibsaniiru.
Haalli nageenyaa naannicha keessatti hammaachuun uummanni hedduun qe’ee isaa irraa buqqa’ee baqachuun lubbuu isaa baraarachuuf tattaaffachaa jiraachuunis himameera.

