ONM-ABO Bitootessa 23, 2026
Godina Gujii Lixaa aanaalee akka Surroo Barguddaa, Galaanaa, Bulee Horaa, Qarcaa fi Malkaa Sooddaa keessatti murni Bilxiginnaa Bitooteessa 20,2026 irraa eegalee dargaggoota 600 ol’ ta’an dirqiin qabanii mooraa waraanaatti ergaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma kanaan aanaa Surroo Barguddaa ganda Meedhibaa irraa namoota 29 kan qaban yoo ta’u, ganda Handarakkuu irraa ammoo namoota 19 ta’uun beekamee jira.
Aanaa Galaanaa ganda Odaa Nageellee irraa ammoo namoota 16, aanaa Bulee ganda Gaadduu Jabaatee irraa nama 20 yoo ta’u, namoonni ukkaamfaman kunneen hedduummachuu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaan namootaa adda kan hin baane ta’uun dabalaataan ifoomera.
Murni faashistiin PP bara aangoo isaa dheereffachuuf ilmaan Oromoo goleewwaan Oromiyaa cufa keessaa qabuun lola isaan hin ilaallannetti dirqama afaan qawweetiin ukkaamsee hirmaachisaa jiraachuun ragaan kan mul’atuudha.

