• Tue. Mar 31st, 2026

Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa bishaan dhugaatii hawaasa irraa kutuun himame

Mar 28, 2026

ONM-ABO Bitootessa 28, 2026 

Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa gaafa Bitootessa 23, 2026 irraa eegaluun sababa hin beekamneen bishaan dhugaatii jiraattota irraa kutanii kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa uummanni rakkoo ulfaataa argaa jiraachuu jiraataan magaalichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraataan kun himanitti, manneen jiraattotaa mara irraa bishaan dhugaatii citee jiraatus, maatii kaabinoota PP’ maraaf gadhiifamee jiraachuu himuun, yeroo ammaa kana hawaasni bishaan jaarkaanii 1 qarshii shantamaan (50) bitaa jiru jechuun, namoonni miseensa Bilxiginnaa ta’an garuu halkan sa’aa 8:00 booda bakka namni rafetti gadhifaamaafii akka jirus dubbatu.

Kaayyoon gara jabeeyyii ergamtoota PP’ inni ijoon kallattii maraan hawaasa hiraarsuun dirqamaan paartii isaanii akka filataniif dhiibbaa uumuudha kan jedhan jiraattotni magaalichaa, kanas kan mirkaneessu ammoo gaafa Bitootessa 26, 2026 manneen jiraattotaa mara irra deemuun “kaardii filannoo hanga fudhattanitti bishaan dhugaatii isiniif hin gadhiifamu” jechuun doorsisa hidhattoonni sirnichaa uummata irraan ga’aa turaniidha jechuun ibsaniiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa gaafa Bitootessa 24, 2026 darbes aanichuma gandoota baadiyaa cufa irraa tajaajila geejjibaa guutummaan guutuutti uummata irraa kutuun rakkoo ulfaataa hawaasa rraan geessisaa jiraachuu gabaasnee turuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading