• Sun. Apr 5th, 2026

Aanaa Shanan Dhuuggootti jaleewwan Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti raawwatan hammeessan

Mar 28, 2026

ONM-ABO Bitootessa 28, 2026 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Lubbu Dhaqqab keessatti torban darbe irraa eegaluun saamtonni ajaja Kolonel Abiyyi Ahimadiin bobbaafaman maqaa gosa adda addaan hawaasa saamaa jiraachuun himame

Dinagdee impaayerattii mudate suphuu fi giiphii dhuunfaa isaanii guuttachuuf oliif gadi kan fiigan jaleewwan sirnichaa, torbanuma kana keessa:

  1. Aadde Misiraa Mahaammaxaalii,
  2. Aadde Amiinaa Adamii fi
  3. Obbo Mahaammad Heyideer jedhaman irraa qarshii 20,000 yoo saaman, 
  4. Obbo Ibiraahim Qaasimii fi 
  5. Obbo Shukrii Adam irraa immoo qarshii 10,000 sababa tokko malee saamuu jiraattonni araddichaa ONM’f ifoomsaniiru.

Osoo hawaasni qaala’iinsa jireenyaan waadamuu lukkeeleen PP guyyaa guyyaan kaffaltii gosa adda addaa naga’ee hin qabne afaan qawween gaafachuun dinagdee isaanii quucarsaa kan jiranii fi jiraattota kaffaltii gaafataman kaffaluu dadhaban immoo miidhaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Giiphiin isaanii hoggaa duwwaa ta’ee garaan isaanii beela’u akkasumas galii impaayerattii dhumate fooyyessuuf saamtonni ajaja abbaa irree Bilxiginnaan akkuma argan bobbaafaman, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti dararaa ulfaataa hawaasa irratti raawwatan hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading