ONM-ABO Bitootessa 28, 2026
Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra-Jaarsoo gandoota akka Dagaa Boorsuu Goljee, Qoree fi kanneen biroo hedduu keessaa Bitootessa 25, 2026 sodaa lola shiftoonni finxaaleyyii Amhaaraa maqaa “Faannoo”jedhuun of waaman uummatarratti bananirrraan kan ka’e qe’ee isaaniirraa buqqaasifamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti, shiftoonni murna gabroomfataa PP’n hidhachiifamanii uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii akka raawwataniif bobbaafaman yeroo garaagaraatti akka godinichaatti saamicha, mancaatii qabeenyaa, ajjeechaa suukanneessaa raawwachaa turuu himuun, tibbanas gochumti wal fakkaataa ta’e mudachuun jiraattonni manaa fi qabeenyaa isaanii dhiisuudhaan gara magaalaa Qarree-Gohaatti baqatanii jiraachuu dabaluun ifoomsaniiru.
Yeroo uummanni hangi kun dirqama waraanaan qe’ee isaa dhiisuun baqatutti homaa qaamni birmannaa taasise akka hin jirre kan dubbatan jiraattonni, hamma yeroo odeessi kun qindaa’etti namni ajjeefame jiraachuu baatus, qabeenyaan Oromootaa danuun shiftoota kanaan gariin saamamee gariin ammoo ibiddaan mancaafamee jiraachuun himameera.
Mataan gabroomfataa koloneel Abiy Ahmed afaan qawween sabaa fi sablammoota impaayerattii keessaa addatti ammoo saba Oromoo irratti xiyyeeffachuun akka sabni kun kufee baraan ka’uu hin dandeenyetti kallattiinis ta’u al-kallattiin hojjechaa jiraachuu isaaf ragaan gocha mul’inatti raawwatamaa jirudha.




