ONM-ABO Bitootessa 28, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaalee akka Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Eebantuu, Limmuu Galiilaa fi Haroo Limmuu keessatti kaadiroonnii PP filannoof hin galmooftan taanaan tajaajiloota akka Xaa’oo, inshuraansii fayyaa fi kkf argachuu hin dandeessan jechuun uummata aanaalee kanneenii irratti doorsisa raawwachaa jiraachuu maddeen keenya gamasii ONMtti himan.
Murni Bilxiginnaa abbaa irruumman guutamuun waraanaa fi kaadiroota isaa uummata nagaatti bobbaasuun yakkoota garaagaraa raawwachiisaa kan ture yoo ta’u, ammas immoo maqaa filannoon dimookiratawaa of fakkeessuun midiyaa isaanii irratti ololuun lafa irratti ammoo Bilxiginnaa filachuu qabdu jechuun uummata afaan qawween dorsiisuu itti fufanii jiraachuu maddeen itti dabaluun addeessanii jiru.
Akkuma abbootii isaa kaleessaa sagalee uummataa doorsisee hatuuf karoorfachuu fi sadoon namoota dhuunfaa bitee sabaa fi sab-lammoota impaayera Itoophiyaa keessa jiraatan burjaajessuun sobaa fi fakkeessiidhan gowwoomsee aangoo barcuma siyaasaa isa dheereffachuuf dhama’aa kan jiru yoo ta’u, uummanni garuu shira PP irratti dammaquun bakkeewwan garaagaraatti mormii dhageessisaa jiraachuu fi filannoo PP irraas homaa akka hin eegne ni dubbata.

