• Thu. Apr 2nd, 2026

Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti raawwatan heddummeessan

Mar 29, 2026

ONM-ABO Bitootessa 29, 2026 

Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa adda addaan saamicha hawaasa irratti raawwatan cimsanii itti fufanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Hawaasa jireenya harkaa gara afaanii jiraachuuf baay’ee dhama’u, saamuuf kanneen sababa hin dhabne lukkeeleen Bilxiginnaa, Bitootessa 25, 2026 irraa eegaluun maqaa “deggersa paartii fidaa” jedhuun qarshii 200 guurrataa jiraachuu jiraattonni araddichaa ifoomsaniiru.

Dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf “maallaqa nageenyaa” jedhanii qarshii dhibba shan shan afaan qawween hawaasa hiyyummaan goolamee agabuu bulaa jiru rakkisanii saamaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

“Kaffaltii gosa adda addaa naga’ee hin qabne kan guyyaa guyyaan lukkeeleen Bilxiginnaa nu gaafatan humnaa ol nutti ta’eera. Qaala’insa jireenyaatiin waadamnee, waan qoonqootti geeffannu hin qabnu. Yoo kaffaluu dadhabne ‘ergama addaa qabdu’ jedhanii reebicha hamaa nurratti raawwachuun, hidhaatti nu darbatu” jedhu jiraattonni.

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii gatanii afaan qawween goleewwan Oromiyaa cufa keessatti sababoota saamichaa adda addaa uummatanii hiraarsaa ulfaataa raawwatan heddummeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading