• Wed. Oct 7th, 2026

Aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti dargaggoota dirqamaan leenjii gaachana sirnaa jedhu kennaafii turan gara waraanaatti bobbaasuun ibsame

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti Bitootessa 29, 2026 dargaggoota waldaalee garaagaraa keessatti gurmaa’ani hojii humnaa hojjechuun jireenya harkaa gara afaanii jiraatan, hojiilee kanneen akka Waldaa Cirrachaa, Waldaa Buusuu fi Korsiisuu Kuduraa fi Muduralee garaagaraa, dirqamaan gaachana sirnaa taatanii naannoo keessan qofa tiksitu jechuun erga leenjii kennaafii turanii booda gara waraanaatti bobbaasuun ibsameera. 

Hanqina waraanaatu nu mudate waan ta’eef meeshaa hidhachuun hanga filannoon darbu qofaaf waraana taatanii lafa lolli jiru kamuu deemtanii loltu jechuun dargaggoota hojii harka gara afaanii hojjatanii maatii gargaaran dirqamaan lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachisuuf akka jiran miseensota dargaggoota kanneenii keessaa namni maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyooleessa Oromiyaatiif addeesseera.

Hanqinni  loltootaa waraana Bilxiginnaa kan mudate guyyaa guyyaan lola keessatti du’uu, booji’amuu fi meeshaa waliin keessaa baduu hammeessuu irraan kan ka’e ta’uun namoota nagaa xiqqaa fi guddaa osoo jenne jumlaan gara mooraa waraanaatti guuruun jabaatee akka jiru odeessi yeroo yeroon Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabu ni mirkaneessa. 

Murni Bilxiginnaa waan qabee gadhiisu wallaaluun rakkoo hamtuu keessaa bahuuf jecha uummataa jaalala mitii dhageettii maqaa Bilxiginnaa jedhu jibbee jiru dirqamaan akka waan uummanni isaan jaallatu fakkeessuun holola sobaa yeroo murteessaa kan ta’e filannoo sobaa fuuldura kana akkuma amala isaanii shiraa fi fakkeessiidhaan dabarsuuf hin jirre jiraachisuun miidiyaalee qaban hundaan hafarsaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading