ONM-ABO Bitootessa 31, 2026
Godina Baha Harargee aanaa Meettaa Araddaa Waldaa Gammachuu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa torban darbe irraa eegalanii, maqaa kaffaltii gosa adda addaan saamicha hawaasa irratti raawwatan hammeessuun, namoota waan kaffalan dhaban hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Garaa isaanii irra darbanii hawaasa irraa dhalatan tajaajiluu kan hin beekne jala deemtonni Bilxiginnaa, araddicha keessaa “gatii inshuraansii fayyaa fidaa” jechuun jiraattota hundarraa qarshii 2,100 saamaa jiraachuun barameera.
“Gatii inshuraansii fayyaa kennuu didde; qaama biraa of boodaa qabda” jechuun Bitootessa 26, 2026 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Musxafaa Mahaammad,
- Obbo Mahaammad Ibraahim,
- Obbo Usmaan Abdallaa fi
- Obbo Raamadaan Jibiriil
jedhaman hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni araddichaa ifoomsaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen madda galii tokkollee kan hin qabne qoraan gurguranii maatii kan jiraachisan yoo ta’u, araddaa Ifa Biiftuu irraas bifuma wal fakkaatuun maqaa “gatii ashuraansii fayyaa” jedhuun jaleewwan sirnichaa qarshii 2,100 guuraa jiraachuu ONM odeeffateera.
Qonnaan bulaan Oromoo yaaddoo fi sodaa nageenya isaaf oomisha qabu gabaatti geeffachuu dhabee, qaala’insa jireenyaan waadamuun, saamicha roga maraan irratti raawwatamu dandamachuu dadhabee hiyyummaa fi gadadoo keessatti akka kufuuf, Bilxiginnaan tooftaa saamicha adda addaa bocee jaleewwan isaa bobbaasuun miidhaa ulfaataa raawwataa jira.

