ONM-ABO Bitootessa 31, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa-Jaartee keessatti waraanni murna gabroomfataa PP barsiisota baay’inaan lama ta’an yakka tokko malee maqaa dharaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansanii baatii afurii oliif dararaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, barsiisota maqaan isaanii:
- Jireenyaa Kabbadaa fi
- Barsiisaa Caalaa
jedhaman lamaanuu mana barumsaa Haroo Lagoo sadarkaa 2ffaa kan barsiisan baatii afur dura qabanii hidhuun hanga ammaatti dararama hamaa keessa jiraachuu dubbatu.
Yakka himatamaniin wal qabatee ragaan akka hin jirree fi himata irratti bananis akka hin qabaanne kan himan jiraattonni, osoo mana murtiitti hin dhiyeessin waajjira poolisiitti hidhanii dararaa irraan ga’aa jiraachuu dabaluun ifoomsaniiru.
Mataan gabroomfataa koloneel Abiy Ahmed yakka malee namoota hojii garaagaraa keessa jiran yakkuudhaan gariin hidhanii yeroo dheeraaf dararuu, gariin doorsisuu, achi buutee dhabamsiisuu, qabeenyaa saamuu kan saamicharraa hafe ammoo gara jabinaan ibidda itti shidanii mancaasuun cinatti kanneen haala suukanneessaan ajjeefamanii sanuu awwaalchallee dhabuun dirreerratti bineensi nyaates qubni lakkaa’ee fixuu kan hin dandeenyedha.






