• Tue. Oct 6th, 2026

Dhaabni ABO-WBO miseensota waraanaa keessaa filuun leenjii dabballummaa waraanaa kennaafii turuun Zoonii Lixaatti eebbisiisuu beeksise

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Dhaabni ABO-WBO miseensota waraanaa keessaa filuun kanneen ga’umsa olaanaa qabaniif leenjii dabballummaa waraanaa yeroo dheeraaf kennaafii ture xumuruun Zoonii Lixaatti eebbisiisuu beeksise. 

Barsiisonni mooraa leenjii akka jedhanitti barnoonni kunis xiyyeeffannoon isaa miseensonni kaayyoo qabsoo, seenaa fi akeeka isaanii sirriitti akka hubatan taasisa. Kun murannoo isaanii cimsuu fi maaliif akka lolan beekuun akka of qopheessan gargaara jedhan.

Kana malees naamusa Waraanaa (Military Discipline) sirna, ajajaa kabajuu, of to’achuu fi yeroo hunda qindoominaan hojjechuu barsiisuun, naamusni kun bu’uura humna waraanaa cimaati jechuun, WBOn leenjii tarsiimoo fi tooftaa waraanaa akkamitti lola keessatti akka of ittisan, diina irratti tarkaanfii fudhatanii fi haala adda addaatti of qopheessan irratti leenjii kennuun qindoomina garee (Teamwork) loltuu tokko qofa osoo hin taane gareen waliin hojjechuu akka danda’amus cimsanii akeekaniiru.

Miseensonni WBO leenjii kana fudhachaa turan barnoonni haaromsaa kunis daran isaan gammachiisuu ibsun, barnoonni yeroon kennamu hamilee loltootaafis murteessadha jechuun dabaluun himan.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti, dabballummaan waraanaa murteessaa ta’ee mul’ata. Qabsoo yeroo dheeraa keessatti injifannoon argamu, humna waraanaa qinda’aa fi hubannoo siyaasaa cimaa qabu irraati. Kanaaf, leenjiin akkanaa bu’uura jabaa qabsoo itti fufsiisuuf akka ta’es hoggansi WBO bakkichaa yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eereera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading