• Wed. Oct 7th, 2026

Humni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kibba Libaanositti loltoonni nagaa eegsisan lama ajjeefaman jedhe

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Humni yeroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Libaanos jiru akka jedhetti, Wiixata kaleessaa dho’iinsa kibba biyyattii keessatti mudateen hojjettoonni isaa lama ajjeefamuu isaanii ibseera. Kunis guyyaa tokko dura nagaa eegduu kan biraa erga ajjeefamee booda.

“Kaleessa kibba Libaanos keessatti dhohinsi ka’umsi isaa hin beekamne konkolaataa isaanii barbadeessuun, nagaa eegdota UNIFIL lama haala nama gaddisiisuun ajjeefamaniiru. Nagaa eegduun sadaffaan akka malee miidhameera, afraffaan immoo miidhameera,” jechuun ibsi humni kun baaseen qorannoo eegaluu ibseera.

Hogganaan nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jeyaan-Piyere Lakroks gaazexeessitootaaf akka himanitti, nagaa eegdonni lama dhohinsa kanaan ajjeefaman lammii Indooneezhiyaa ta’uu ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading