ONM-ABO Eebla 1,2026 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daalle Waabaraa ganda Arroojjii Hoboo bakka addaa Gussee jedhamutti jaleewwan Bilxiginnaa Bitootessa 27, 2026 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Asaffaa Tarreessaa jalaa sangoota 2,
- Obbo Adam Iisaa jalaa sangaa 1 fi
- Obbo Naasir Abdallaa
jalaa buna kuntaala 3 fi mixmixa kuntaala 2 fudhachuun meeshaalee mana keessaa hunda jalaa caccabsanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bultoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa kam keessaa qooda kan hin qabne yoo ta’an, loltoonni faashistii Bilxiginnaa hawaasa meesha maleessa irratti afaan qawween dhaadatan, sababa “milishaa ta’uu didanii manaa baqatan” jedhuun yakkanii qabeenya isaanii kan saaman ta’uun ibsameera.
Oduma wal fakkaatuun, aanaa Daallee Sadii ganda Caammoo jedhamu irraa hidhattoonni Bilxiginnaa torban darbe keessa, “ilmaan keessantu bosonaa nu fixaa jira” jechuun qonnaan bultoota:
- Obbo Muzammil Zaahir haadha isaa waliin,
- Isheetuu Yiggazuu,
- Abdulaakim Yiggazuu,
- Daliil Mahaammadnuur,
- Xahaa Mahaammadnuur,
- Ibraahim Mahaammadnuur,
- Namee Fiqaaduu fi
kanneen biroo hedduu ta’an yakka tokko malee hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Deggertoonni siyaasaa sirna nam-tokkee kolonel Abiy Ahimad daandii hawaasa Oromoo irratti miidhaa geggeessan yeroo yerootti wixinachuun injifannoo WBO’n guyyaa guyyaan irratti galmeessu haaloo ba’achuuf, kutaalee Oromiyaa cufa keessatti maatii qabsaa’otaa hiraarsanii gochaa dabaa hojjetaa jiru.




