ONM-ABO Eebla 1, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Manoolee keessatti gara jabeeyyiin waraana Bilxiginnaa gaafa Bitootessa 27, 2026 hawaasa nagaa nama maqaan isaa:
- Obbo Mizgaanuu Gulaalaa
jedhamu sababa “meeshaa waraanaa dhuunfaatti bitattee qabda” jedhu itti maxxansuun haala nama gaddisiisuun rasaasaan rukutanii lubbuu isaa galaafatanii deemuu maddeen eeraniiru.
Akka maddeen himanitti namni kun meeshaa waraanaa bitatee manaa qabu tokkollee akka hin qabne himuun, lukkeeleen sirnichaas mana isaa deemanii erga sakatta’anii dhabaniin booda “bakka awwaaltee fidi” jechuun sa’aa dheeraa erga reebaniin booda wayita inni homaa waan fidu dhabu naasuu tokko malee rasaasaan bobeessuun obbaafachiisanii deeman jechuun miira gaddaan dubbatu.
jedhamtu sababa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun saawwa dorrobaa dhaluu geessee tokkittii isheen qabdu jalaa fudhatanii deemuu wayita jedhan saawwi tole jettee deemuufii diddee jennaan akka namaatti horiitti aaruun garaa isheerra rasaasaan rukutanii haala suukanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun guyyuma sana hidhattoonni sirnichaa gandichuma keessatti haadha hiyyeessaa nama maqaan ishee:
- Aadde Geexee Kiisii