• Sun. Nov 22nd, 2026

Biiroon Barnoota Oromiyaa manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran hanga Bitootessa 30’tti barnoota gosa hundaa xumuruu akka qaban dhoksaan akeekkachiisuun dhaga’ame

Apr 1, 2026

ONM-ABO Eebla 1, 2026 

Biiroon Barnoota Oromiyaa hoggantoota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa irraa eegalee hanga sadarkaa 2ffaatti Oromiyaa keessa jiran iccitiin waamuun akka lakkoofsa impaayerattiitti hanga Bitootessa 30’tti gosa barnootaa mara barsiiftanii xumuruu qabdu jechuun sababa hin beekamneen yeroo barnootaa beekamaa durii irraa baatii sadii hir’isee jiraachuu maddeen keessoo ifoomsaniiru.

Kanaan dura manneen barnootaa impaayerattii keessa jiran mara keessatti hanga Waxabajjii 30’tti hojiin baruu fi barsiisuu geggeeffamaa kan ture yoo ta’u, bara kanaa garuu sababa beekamaa hin taaneen turtiin baatii 3 hir’ifamee jiraachuu kan himan maddeen, kun ammoo qulqullina barnootaa fi barattoota irratti dhiibbaa gudda qabaachuu mala jechuun soda qaban addeessaniiru.

Biiroon Barnoota Oromiyaa karaa keessootiin hooggantoota manneen barnootaaf akka ibsetti sababa hin beekamneen turtiin manni barnootaa itti cufamu as-dhiyaachuu irraan kan ka’e, qormaanni biyyoolessaa kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa baatii sagalaffaa keessa akka raawwatu murteessee jiraachuus maddeen keessoo itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dhimma kana ilaalchiisee barsiisota bakkeeawwan garaa garaa ONM’ dubbises akka jedhanitti, Biiroon Barnoota Oromiyaa karoora kana baafachuun kallattii iccitii ta’een hojiirra oolchuuf dhama’aa jiraachuun dhugaa ta’uu erga himanii booda, turtii jedhame keessatti garuu barsiisaan kitaabaa barataa barsiisee xumuruun waan hin yaadamnedha jechuun dubbatu.

Kana malees barsiisota kanaaf gaaffii ONM’ irraa sababni akeeka Bilxiginnaa kun maali jettanii tilmaamtu jechuun dhiyaateef deebiin isaan kennan “sababni isaa ifa kan hin taane ta’us akka tilmaama isaaniitti sababa filannoo impaayerattii keessatti geggeeffamuuf deemu ta’uu akka maluu fi sanaan wal qabatee mormii geggeeffamuu danda’utti barattootni mana barumsaa keessa akka hin turre barbaadamee akka ta’e” ibsuun, karoora Biiroon Barnootaa Oromiyaa qabatee socho’aa jiru ifatti mormaniiru.

Impaayerattii keessatti maqaa qulqullina barnootaa jedhuun imaammanni barnootaa yeroo yeroon haara’ee ba’aa jiruu fi haalli kenniinsa isaa qabatamaatti hojiirra oolaa jiru matumaa kan wal hin madaalle ta’uu hayyoonni Oromoo kanneen akka Dr. Gammachuu Magarsaa fi Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fa’a miidiyaalee garaagaraa irratti  dubbachaa turuun kan yaadatamudha.

Leave a Reply