ONM-ABO Eebla 6, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee keessaa torban darbe keessa jaleewwan sirnichaa jiraataa maqaan isaa Umar Iddoosaa jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Umar siyaasa kam irraa walaba kan ta’ee fi sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamee hidhamuu dubbatu.
Magaalicha keessatti lukkeeleen sirnichaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf ifaajan maqaa kaffaltii gosa garaagaraa naga’ee hin qabne hawaasatti tarreessuun saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.


