ONM-ABO Bitootessa 23, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Guddinaa Abuunaa keessatti humnootni hidhattoota Bilxiginnaa gaafa Bitootessa 19, 2026, dargaggoo maqaan isaa Habtee Tashoomee jedhamu ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Lukkeeleen sirnichaa maqaa “hidhata WBO qabda” jedhuun yakkanii, akka lakkoofsa yeroo impaayerattiitti halkan keessaa toora sa’a 6:00tti, mana maatii isaa keessaa qabanii ba’uun hanga yeroo odeessi kun qindaa’eetti achi buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuu jiraattotni gandichaa himanii jiru.
Dargaggoon kun jedhu jiraattonni, tasumaayyuu maqaan isaa hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessatti dhaga’amee kan beekne ta’uu ibsuun, hidhattootni maafiyaa kun wayita qabanitti, maatii isaa biratti ujummoo qawweetiin mataa isaa fi qoma isaa keessa daddabalanii rurrukutaa, utuu maatiin isaa hundi iyyanii boo’anii, maatii kana meeshaa waraanaatiin doorsisanii akka callisan gochuun dargaggoo kana bifa nama sururuun maatii biraa butuun hanga ammaatti eessa buutee dhabamsiisuun ibsameera.
Yeroo adda addaatti jaleewwanii fi ergamtoonni sirnichaa rakkoo hubannoo dhabuu irraa ka’uun sirna bututaa impaayera biyyattii suphanii qaama isaanii ol jiru gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo irratti dararaa garmalee ulfaataa akkuma raawwachaa oolan ta’uun akkuma fedhanitti jiraattota dararuu itti fufanii jiru.

