• Sat. Apr 18th, 2026

Aanaa Dibaax keessatti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa mana hidhaatti guuruu hammeessan

Apr 10, 2026

ONM-ABO Eebla 10, 2026 

Godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Qorkaa iddoo addaa Daallee jedhamu keessaa gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa Ebla 2, 2026 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Dooree Bayyanaa,
  2. Dargaggoo Qixxeessaa Moosaa fi
  3. Lalisee Jirraa 

jedhaman ukkaamsanii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Qonnaan bultoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa kam keessaa walaba ta’anii osoo jiranii “hidhata WBO qabdu” maqaa jedhuun ukkaamfamanii mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Gaalessaa keessatti argamutti rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuun itti dabaluun ifoomeera.

Godinicha guutummaa keessatti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa jiraattota tuttuqqaa fi deggersa jaarmiyaa siyaasaa kam keessaayyuu hin qabne maqaa adda addaa itti maxxansuun daa’immanii hanga jaarsoliitti hidhuu, saamuu, reebuu fi ajjeesuun miidhaa ulfaataa raawwatan hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading