ONM-ABO Eebla 10, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota baadiyyaa cufa keessatti sirna dhableeyyiin lukkeelee Bilxiginnaa qonnaan bultoonni akka boqqolloo hin oomishne ugguranii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Sababa “Waraana Bilisummaa Oromootu dawoo godhatee nu rukuta” jedhuun qonnaan bultoonni lafa isaanii irraa oomisha fedhan akka hin oomishanne kan dhorkan yoo ta’u, namoota gaaffii mirgaa gaafatan ammoo reebicha, hidhaa fi dararaa garaagaraa irratti raawwachaa jiraachuun beekameera.
Kana malees, aanichuma magaalaa Maqii keessatti ammoo jaleewwan Bilxiginnaa kunneen maqaa kaffaltii kanneen akka: deggarsa paartii Badhaadhinaa, nyaata milishaa, uffata milishaa fi kan kana fakkaatan hawaasatti tarreessuun nama tokkorraa qarshii dhibba lamaa hanga kuma shaniitti afaan qawween fudhachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Magaalicha keessatti saamichi akkanaa kun irra deddeebiidhaan naga’ee seeraa tokko malee raawwatamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun eeranii jiru.

