ONM-ABO Eebla 10, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa bakka addaa Xaaxessaa jedhamutti loltoonni faashistiin Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Aammaddiin jedhamu rasaasaan dhahanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Gochaan gara jabinaa kun kan irratti raawwatame gaafa Ebla 8, 2026 halkan sa’aatii 7:00’tti ta’uu kan himan maddeen, gandichatti loltoonni sirnichaa hawaasa bakkichaa irratti dhukaasa bananiin kan lubbuun isaa darbe ta’uun barameera.
Loltoonni dantaa sabaa caalaa kan ofii isaanii dursiifatan, qonnaan bulaa kana erga ajjeesanii booda, Obbo Olaanii Qaabataa immoo ukkaamsanii fuudhanii deemuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.
Aanicha guutummaa fi impaayerattii keessatti loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa ajaja Koloneel Abiy Ahimadiin hawaasa meesha maleessa dararuuf bobbaafaman ilmaan Oromoo maqaa adda addaan yakkuun dhiiga qulqulluu dhangalaasuu fi lubbuu qaalii galaafachuun sirna gita bittaa jalatti hacuucanii bulchuuf carraaqaa jiru.



