ONM-ABO Eebla 19, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem keessatti gaafa Ebla 16, 2026 shiftoonni koloneel Abiy Ahimad ijoollee abbaa hin qabne ilmaan hiyyeessaa umriin isaanii 20 gadi ta’an obboleeyyan lama kanneen maqaan isaanii;
- Nahoo Shuumaa fi
- Inoo Shuumaa
jedhaman maqaa “hidhattanii biyya eegdu” jedhuun dirqamaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti fe’uu maddeen ONM’tti himan.
Bifuma wal fakkaatuun guyyuma kana gandichuma keessaa nama maqaan isaa:
- Musiliim Solomoon
jedhamus dirqamaan qabuun gara adda waraanaatti erguuf gaafa jedhan haati warraa isaa “maaloo inni dhukkubsataadhaa dhiisaa” jettee sababa boosseef jecha akka malee reebuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluun yeroo ammaa buufata fayyaa magaalaa Qellem keessatti du’aaf jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun ifoomsaniiru.
Haaluma kanaan itti fufuun sirna dhableeyyiin hidhattoota sirnichaa gaafa Ebla 14, 2026 aanichuma ganda Soyii Gamichee keessaa ammoo nama maqaan isaa:
- Dingataa Angaasuu
jedhamu dabalatee namoota hedduu qe’eef qabeenya isaanii irraa ukkaamsuun achi buutee kan dhabamsiisan yoo ta’u, haga ammaatti bakka isaan jiran hin baramin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun gaafa Ebla 15, 2026 jaleewwan maafiyaa PP, godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Yamaalagii Walal ganda Tajjoo Walal bakka addaa Guddina-Micoo jedhamee waamamu keessattis hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Waltajjii Waaqjiraa,
- Admaasuu Dinqaa,
- Mitikkuu Nagaasaa,
- Iddoosaa Dhaabaa,
- Gammachuu Ittafaa,
- Lammeessaa Abbooyyee,
- Dastaa Hambaa,
- Molee Tarreessaa fi
- Margaa Aabbosee
jedhaman sababa “hidhattanii Waraana Bilisummaa Oromoo loltanii balleessitu” jedhuun dirqamaan qabuun gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti geessuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Akka maddeen himanitti tibba kana godinicha keessatti duulli maqaa leenjii waraanummaatiin hawaasa meesha maleeyyii irratti geggeeffamaa jiru kan yeroo kamiiyyuu caalaa hammaatee jiraachuu himuun, yeroo ammaa aanota godinichi qabu mara keessatti ilmi dhiiraa mana isaa fi maatii isaa gadhiisee bosonatti baqatee bulaa jira jechuun haala uummanni keessa jiru ibsaniiru.


