• Mon. Sep 14th, 2026

Aanaa Dibaaxiitti miseensonni poolisii federaalaa 2 hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026 

Godina Matakkal mooraa waraanaa aanaa Dibaax irraa miseensonni poolisii federaalaa 2 mooraa Bilxiginnaa gananii hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksiseera.

Miseensonni poolisii federaalaa duraanii kunneen Ebla 15, 2026 kan gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan yoo ta’u, hoggaa gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii harka kennatan qawwee AKM 3, gumbii 8 fi rasaasa 240 fiduun WBO bakkichaa keessa socho’u bira dhaqqabuun isaanii baramee jira.

Dararaa yeroo yeroon ilmaan Oromoo fi isaan irratti raawwatamuuf abdii kutachuu kan dubbatan miseensonni poolisii federaalaa duraanii kunneen, duraanuu dirqamaan qabamanii akka leenji’anii fi mootummaan yeroo ammaa kana immoo addatti ija shakkiin waan isaan ilaaluuf mooraa sana keessa taa’anii hawaasa dararuu irra qabsoo bilisummaa Oromoo tumsuu kan barbaadan ta’uu himan.

Kunuunsa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaniif taasisetti gammaduun, loltoonni sirnicha utubuuf ifaajan qawwee fi hidhannoo isaanii fiduun gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii akka harka kennatan dhaamanii jiru

Waraanni faashistii Bilxiginnaa fedhii isaaniis ta’e, fedhii malee dirqamaan barcuma aangoo siyaasaa kolonel Abiy Ahimad tiksuuf ifaajan kutaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti bobbaafaman yeroo gara yerootti mooraa Bilxiginnaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading