ONM-ABO Eebla 19, 2026
Impaayera afaan qawween ijaaramte keessatti lammiin barate gaaffii mirgaa akka hin gaafannee taasifamuun cinatti, mirga lubbuun jiraachuullee akka dhabuuf ragaa guddaan gochoota dhiittaa mirga namoomaa impaayera xoophiyaa keessatti hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa jiran keessaa uummata dirqamaan gara adda waraanaatti guuruun akka baalaatti harcaasisaa jiran kaasuun ni danda’ama.
Haaluma kanaanis mataan Bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimad lola xumuruu hin dandeenye erga eegaleen booda hanqina waraanaa isa mudachaa jiruuf akka falaatti ilaaluun, akkuma mootummaa abbaa irree Dargii hawaasa nagaa umrii fi saalaan osoo adda hin baasin dirqamaan gara adda waraanaatti guursisaa kan jiru yoo ta’u, namoonni fedhii isaanii malee hidhachiifaman hedduun ammoo meeshaa waraanaa fudhatanii gara WBO’tti baqachaa jiraachuufi gariin ammoo meeshaa gatanii gara magaalaa birootti badaa kan jiran yoo ta’u, kaan ammoo abdii muratanii meeshaa baataniin walii isaanii fi ofii isaanii wayita galaafatan irra deddeebiin argamaa turee jira.
Bifuma kanaanis gaafa Ebla 14, 2026 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii ganda 01 keessatti kan argamu mooraa raayyaa ittisa impaayerattii Awura-godaanaa jedhamee waamamu keessatti miseensi waraaana sirnichaa tokko rasaasa sadiin of rukutee lubbuusaa obbaafachiisuu maddeen keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii ofii isaatiin of galaafate kun dhalataa Oromoo yoo ta’u, mooricha keessatti dhiibbaa ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu yeroo hedduu waan mormuuf jecha irra deddeebiin hidhamaa akka tureefi aariima sana irraa ka’uun lubbuu isaa irratti tarkaanfii ulfaataa kana fudhate jechuun dubbatu.




