• Thu. Apr 30th, 2026

Aanaa Harxummaa Furseetti hidhattoota Koloneel Abiyi Ahimediin hidhaa, reebichaa fi gudeeddiin maatii qabsaa’otaaf sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatamu cimee itti fufe 

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee guutummaa onichaa keessatti ergamtootni murna PP maqaa sakattaa WBO jechuun baatii tokkoo oliif baadiyaatti bobbaafamanii jiran akkuma amala isaanii dirqama bobba’aniif of cinatti dhiisuuun uummata nagaa barjaa dharaa itti maxxansanii maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun yakkoota adda addaa kanneen akka hidhaa, reebichaa fi gudeeddii irratti raawwachuu cimsanii itti fufaniiru.

Bifuma kanaanis Ebla 15, 2026 aanaa Harxummaa Fursee gandoota garaagaraa irraa maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun abbootii warraa fi haadholii hedduu ukkaamsanii mooraa isaanii ofiif keessa buufatanii jiranitti naqanii gochoota suukanneessoo irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Haadholiif hawwan ukkaamfamuun buufata waraana PP’tti hidhamanii gochi reebichaa fi gudeeddaa irratti raawwatamaa jiru kan maqaan nu ga’es:

ganda Utaaltee irraa:

  1. Madiinaa Huseen,
  2. Haliimaa Ammad,
  3. Faaxumaa Hasan,

ganda Ija Dheertuu irraa:

  1. Haliimaa Hasan,
  2. Xummee Amiin,

ganda Raasaa irraa mmoo:

  1. Madiinaa Mohammed Nuuree fi 

kanneen maqaan nun ga’in danuun mana barumsaa Utaaltee fi Haraatti hidhamuun galgala-galgala loltoota sirnichaa 5-6 ta’aniin tokko tokkoon isaanii dirqiin reebamaa gareen gudeedamaa jiraachuun ibsameera.

Abbootii warraa haadholii kanneen waliin guyyuma sana qabamuun buufata waraana faashistii PP mana barumsaa Haraatti hidhamanii reebamaa jiran kan maqaan argannes: 

  1. Hasan Bushuraa, 
  2. Abduu Baallii,
  3. Hasan Mahaammad Zeenuu fi
  4. Umar Sulxaan 

kanneen jedhamanis badii tokko malee hidhanii reebaa jiraachuu maddeen keenya ONM’f gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading