• Tue. Sep 15th, 2026

Iraan marii marsaa itti aanutti US waliin taasifamuuf guyyaan hin murtoofne jette

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Mariin marsaa itti aanu Iraan fi Ameerikaa gidduutti gaggeeffamuuf guyyaan hin murtoofne jechuun itti aanaan ministeera haajaa alaa Iraan Sanbata kaleessaa  ibsuun, dursa bu’uura hubannoo irratti walii galuu qaba jedhan.

Warraaqsa Iraan bara 1979 booda mariin sadarkaa olaanaa Ameerikaa fi Iraan dhuma torbee darbee waliigaltee malee Islaamaabaaditti xumurame.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhuma torbee kanaa irratti mariin kallattiin dabalataa taasifamuu akka hin oolle Rooyitarsiif himanii turan. Haa ta’u malee dippilomaatonni tokko tokko loojistikii Islaamaabaad bakka mariin kun ni gaggeeffama jedhamee eegamutti walga’uu ilaalchisee sun ta’uu hin oolu jedhan.

“Amma bu’uura hubannoo gama lamaa xumuruu irratti xiyyeeffachaa jirra. Marii ykn walgahii kamiyyuu kan kufaatiidhaaf murtaa’ee fi marsaa biraa hammachuudhaaf sababa ta’uu danda’u keessa seenuu hin barbaannu,” jechuun Sa’iid Kaatibzade waltajjii dippilomaasii bulchiinsa kibba Turkii Antalyaatti gaggeeffame cinatti gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

“Hanga bu’uura irratti walii gallutti guyyaa murteessuu hin dandeenyu… Qabatamaan guddinni guddaan argameera. Iraan seera idil-addunyaa irraa adda gochuuf yaaluun waliigaltee irra akka hin geenye nu dhorke,” jechuun gaaffii Ameerikaan sagantaa niwukilaraa Iraan irratti qabdu eeruun dubbataniiru.

“Iraan seera idil-addunyaa irraa adda ta’uu akka hin fudhanne baay’ee ifa ta’uu qaba. Wanti nuti raawwachuuf deemnu kamiyyuu dambiiwwan idil-addunyaa fi seera idil-addunyaa keessa ta’a.”

Kamisa darbe Israa’elii fi Libaanos gidduutti dhukaasa addatti guyyoota 10f giddu-galeessa Ameerikaatiin erga banamtee booda kaleessaa Iraan yeroodhaaf deebi’ee banamuu isaa booda Iraan ammas cuftee akka jirtu gabaasni dhiyaate gaafatamanii, Kaatibzade Iraan haala araaraa kanaan walqabatee dooniiwwan daldalaa nagaan akka darban akka hayyamtu beeksifteetti jedhan.

“Gamni biraa, gama Ameerikaa, Iraanota malee banaadha jechuudhaan sana waliin dha’uuf  yaale. Kanaafuu sababni ‘haala fi dambiiwwan dhukaasa dhaabuu cabsuuf yoo ta’e, Ameerikaanoonni jecha isaanii kabajuuf yoo hin deemne, bu’aan isaa ni jiraata’ jenneef kanuma ture,” jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading