ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026
Shaggar siitii bulchiinsa magaalaa burraayyuu kutaalee garaagaraa keessatti murni bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesuu fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ONM’tti himaniiru.
Gareen bu’aa warraaqsa uummata Oromoo butee aangoo siyaasaa impaayerattii qabatee jiruu fi walitti qabama maafiyaa kan ta’e Bilxiginnaan, guyyuu ilmaan Oromoorratti du’a labsuu fi kanneen kaan immoo badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun dararaa oola.
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Burraayyuu kutaalee garaagaraa kanneen akka Kattaa, Gujee, Gafarsaa fi kanneen biroo keessatti namoonni nagaan ajjeefamuu fi hidhamaa akka jirantu himama.
Akka jiraattonni magaalaa kanaa kutaa Gafarsaa keessa jiraatan tokko tokko yaada isaanii ONM’f qoodanitti , guyyaa dheengaddaa Waxabajji 9, 2026 barii sa’aatii 11:00 irratti garee maafiyaa murni bilxiginnaa walitti qabee fi milishoonni sirnichaa buufata konkolaataa Gafarsaa deemuun konkolaachisaa maqaan isaa Darajjee jedhamu konkolaataa wal harkisu kan oofu maallaqa saamuuf gaafachaa akka turan jiraataan maqaa isaa eeruu hin feene tokko himuun, maallaqa ga’aa hin qabu jedhee yoggaa inni deebisuuf ati beekaa nu dhorkatta, deggeraa WBO waan taateef didda jechuun baay’atanii qabanii deemuun cuubeen qaama isaa erga waraananii booda ajjeesanii qarshii 6000 giiphii isaa keessaa fudhachuun laga Gafarsaatti gatanii akka deeman ibsameera.
Magaalaa kana keessatti qaama namootuma nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun qaamni nama ajjeesuu fi nama hidhu waliin isaayyuu hin beekamu jechuun, magaalicha keessa gareen maafiyaa 120 Bilxiginnaan ijaare achi keessa guutanii akka jiranis dabaluun ifoomsaniiru.
Magaalicha keessatti torbanoota darbe yoggaa duulli waraanaa “Egeree Oromiyaa” labsamee ture keessatti namoota qaama siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’anii of ta’uun jiraatan waan isaan jala hin deemneef jecha isin deggertoota WBOti ittiin jechuun raafama keessa turaniin wal qabsiisanii dargaggoota hedduu hidhaa akka turanis himameera.
Namni maqaa isaa kaasuu hin feene tokko hojjetaa baankii Awaash damee Kattaa Burraayyuu kan ta’e guyyaa 3’f sababa tokko malee hidhamee akka ba’e kaasuun kanneen kaan immoo hidhamanii hanga yoonaatti mana hidhaa bulchiinsa magaalichaatti dararamaa jiraachuu keessa ifoomseera.
Murni saamichaa fi ajjeechaa hojii idilee isaa godhatee jiru Bilxiginnaan magaalicha keessatti jala deemtotaa fi basaasaa kanneen ta’an magaalicha keessa bobbaasuun, namoota nagaa shakkiin ajjeesuu fi hidhuu kanneen raawwachiisaa jiranis kantiibaa magaalaa Shaggar siitii kan ta’e Dr. Tashoomee Addunyaa fi gargaaraa koomishinara poolisii federaalaa kan ta’e Darajee Mul’ataa kanneen jedhaman namoota ergama badii qaban waliin wal ta’uun hojjechaa akka jiran yoo ta’u, milishoota ajjeechaa kana raawwatan keessaa inni tokko Boonsaa nama jedhamu ta’uunis beekameera.

