Barattoonni Oromoo Mooraa Yuuvarsiitii Finfinnee Haalaa Yaaddessaa Keessa Jiraachuu Himatu.
[SQ Bitootessa 8/2022]
Guyyaa gaafa Bitootessa 5/2022 irraa jalqabee haalli mooraa keessa jiru kan durii irraa jabaachuu barattoonni Yuunvarsiitii Finfinnee damee Caffee Araaraa (Kiiloo 6) dubbatu. Sababni isaas ilmaan Habashaa mooraa sana keessa jiran arrabsoo Oromoo fi Oromummaaf irratti bu’uureffate bifa waraqaadhaan print gochuun mooraa keessatti Jimaata darbe jechuunis Bitootessa 4/2022 galgala maxxansaanii facaasaa akka bulan barataan moorichaa dhaamsa isaa SQtti himeera.
Sana irraa ka’uun ijoolleen Oromoo mooraa sanaas guyyaa Sambataa ganama walitti qabamanii mareerra akka turanii fi qaamni maree isaanii kana akka rakkootti ilaaluun isaan gaafate akka hin jirres barataan kun dubbata.
Turtii muraasaa bood garuu humnoonni nageenyaa mooraa ijoollee kana bittimsuuf yaalii gochaa turuunis mirkanaa’eera.
Barattoonni Oromoo garuu tokkummaa jabaadhaan dhaadannoo dhageessisaa gara Kutaa Bulchiinsa Yuunvarsiitichaa deemuu fi bulchitoonnis galmatti ol naquun waliin haasa’aa turuunis beekameera. Barattoonnis gaaffii isaanii gaafataniiru.
Gaaffiin isaaniis:
1) Moorichi barattoota waraqaa arrabsoo Oromoo fi Oromummaa irratti qiyyaafate kana maxxansan irratti tarkaanfii akka fudhatu;
2) Kanneen alaabaa ilmaan warra kaabaa fi suuraa Minilik ofirraa qabu uffatanirratti tarkaanfiin akka fudhatamuu fi
3) Gochoonni tuffii keenya mul’isan kun ammas barattoota keenya irratti kan itti fufuun deemu yoo ta’e, nutis tarkaanfii gitu ni fudhanna jechuun akeekkachiisa waliin itti dubbatanii wal-gahicha xumuruu isaanii barattoonni nuti moorichaa dubbisne ragaa bahu.
Gochoonni akka riphanii barattoota Oromoo irratti rukkuttaa gaggeessuu kan itti fufee fi Poolisoonni Feederaalaas gama isaanii goruun doorsisa jajjaba gochaa jiraachuunis mirkanaa’eera.
Barattoonnii fi uummatni Oromoo bal’aanis gurraa fi ijasaa saaqqatee waan humnoota kanaan isaanirratti deemaa jiru hordofuu akka qabus barattoonni kun dhaamsa isaanii dhaammataniiru!