• Thu. Apr 25th, 2024

WAAMICHA DUULA LAGANNAA GABAA AJAJAA ABO-WBO ZOONII GIDDUU GALEESSAA IRRAA

Mar 8, 2022

WAAMICHA DUULA LAGANNAA GABAA AJAJAA ABO-WBO ZOONII GIDDUU GALEESSAA IRRAA

SQ Bitootessa 8/2022]

Haalota qabsoo bilisummaa oromoo waggoota 150 sirna impaayera itoopiyaa afaan qawween lammilee nagaa ajjeesuu , qabeenya ilmaan oromoo saamuu fi gubuun aadaa gabroomfataan waggoota ganna 150 taasisaa ture ammas nuffii tokko malee qabeenyaa fi lubbuulee lammii nagaa ajjeesuun umurii isaa tursiisuuf ammas falmaa dhumaatti jira. Keessa darbaa lammilee hidhaman hidhaa baasanii ajjeesuu, reenfa namoota nagaa ajjeesanii gubuun ammoo faashistummaa qixa hin qabnee fi mootonni addunyaa abbaa irree ta’an raawwatanii hin beekne mootummaan maqaa Oromoo fi Abbaa Gadaa dhahatuun Abbootii Gadaa Karrayyuu gara laafina tokko malee Humni Addaa Oromiyaa ilmaan Oromoo Adda durummaan ajjeesaa kan jiraanii fi aangoo gabroomfataa tursuuf Oromiyaarratti bobbaafamaniin lammileen nagaa gidiraa kana hin jedhamne keessa jira.

Akkaatuma kanaan waraanni Bilisummaa Oromoo erga dhaabni ganamaa dhaabni guddaan ABO hundeeffamee qabsoo gama hidhannoon falmaa lubbuu jijjiirraa hin qabne biyyasaa Oromiyaa dhiigaaf lafee jaallaniin Oromiyaa badinsarraa eegumsa taasisaa turuun seenaan ragaa baha. Hardhas gootichi irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn golee Oromiyaa maratti tarkaanfii sirna gabroomfataa impaayera Itoopiyaa irratti taasisaa jiruun bakkoota hedduu to’annoo isaa jala galchuun Uummata jaalatamaaf kabajamaa Uummata Oromoo bakkeewwan WBOn to’atee jirutti caasaalee diriirsuun Uummanni hiree ofiin of bulchuu mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuun hawaasni baldhaa gaaddisa ABO-WBO jalatti nageenyaan jiraataa jira. Haa ta’u malee goleewwanOromiyaa irratti mootummaan gabroomfataa humnoota Nafxanyaa ( Faannoo , Milishaa Amaaraa fi UUmmata Amaaraa Oromiyaa keessa jiraatan) mootummaan hidhachiisuun Oromoota nagana biyya abbaa isaaniirra jiraatan Mannneen jireenyaa Oromoo gubuu, qabeenya oromoo saamuu, lammilee nagaa ajjeesuu irratti fuulleffatuun Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf daangaa Oromiyaa cehuun ( Salaalee, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu, Shawaa Lixaa Daannoo,Jibaat fi bakkoota hedduu weerara dangaa taasisuun Uummata keenya godaansa hin malleef saaxilaa jiru.

WBOn haalota kana qolachuuf uummata isaa waliin marii taasisuun furmaata waaraa qabsoo hidhannoon duula IMALA GARA FINFINNEE jedhuun imalasaa daqiiqaaf isoo hin dhaabne falmaa irra jira. Duula kana milkeessuuf shoorri Uummata baldhaa murteessaa waan taheef WBO Zoonii Gidduu Galeessaa duula lagannaa gabaa guyyoota shaniif ( 5 ) turu gaafa guyyaa 28/06/14 hanga 02/07/14 Lixa Shaggar (AMBOO,GUDAR,GIINCII, GEEDOO, BABBICHAA, OLONKOMII, HOOLOTAA) daandiiwwanii fi sochiilee hawaas diinagdee kamuu guyyoota armaanolitti eeramanitti sochii gosa kamillee kan hin jirre ta’uu hubachiifna. guyyoota jedhame kanattis tajaajila fayyaan ala sochiin taasisamu kamuu kan hin jirre ta’uu gamanumaan kan sin beeksifna.

Duulli lagannaa gabaa kanas milkaa’ina IMALA FINFINNEE xummura itti gochuufi mirga abbaa biyyummaa Oromiyaa dhuunfatuun Oromiyaa ijaaruuf ta’uu hubattanii milkaa’ina duula kanaaf qooda bahatuun hiree oromootaa ta’uun hubatamuu qaba. Tarkaanfii kana irra taruun gochaa faallaa qabsoo oromoo dura dhaabatuun impaayera kana umurii itti dheeressaa akka jirtan bartanii akeekkachiisa kanarra tarkaanfachuun faallaa kan dhaabatu kamirratti tarkaanfii gitaa kanfudhatumu ta’uu bartanii akka of qusattan sin akeekkachiifna.

GADAAN GADAA MILKIIF INJIFANNOO!!!! AJAJAA OLAANAA ABO-WBO ZOONII GIDDUU GALEESSAARRAA

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading