• Fri. Apr 26th, 2024

Gocha Suukkanneessaa Ilmaan Namootaa Jiraa Ibiddaan Gubutti Kan Gaafatamu Partii Badhaadhinaati (Ibsa ABO-WBO)

Mar 14, 2022

ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO-WBO) Bitootesa 14. 2022

Gocha Suukkanneessaa Ilmaan Namootaa Jiraa Ibiddaan Gubutti Kan Gaafatamu Partii Badhaadhinaati! (Ibsa ABO-WBO)

Waraabbiin suur-sagalee (viidiyoo) daqiiqaa shanii kan humnootni nageenyaa Abiy Ahmadii fi murnootni deeggartoota isaa akka feeteen bulan dhala namaa jiraa ibiddaan gubanii hennaa ajjeesan mul’isu Bitooteessa 11, 2022 irraa eegalee marsaalee hawaasaa irra naanna’aa jiru xiyyeeffannoo keenya haalaan harkisee jira. Gochaan bineensummaa hojii Jabana Dhagaa fakkaatu, kan jumlaan raawwatame kun gaaffilee dhala namaa ta’uun maali jedhanillee kaasee jira. Viidiyoo taatee sana mul’isu daawwatanii xumuruun akkaan ulfaataa dha. Gochaan sun ilma namaa miirri namummaa itti dhagahamu kamuu kan mar’ummaan gubu dha. Onnee keenya irraa gaddi kan nutti dhagahame ta’uu miidhamtootaaf ibsina.

Gochaan hammeenyaa kun humnoota nageenyaafi tuuta namoota nagaa fuulduratti raawwachuun isaa immoo akka malee rifachiisaa dha. Kanneen gochaa sanatti hirmaatanis dhala namaati jedhanii amanuun ni ulfaatus, miti jedhanii jalamuruuf waanti nama dandeessisu homtuu hin jiru. Biyya nagaa, tasgabbiifi mootummaa qabdu keessatti otoo jirtaatanii, jiraattota ollaa balbala keenya namoota ta’uu danda’ani. Akkamitti, maaliif Itoophiyaa keessatti hammeenyi akkasii baratamaa ta’aa dhufe kan jedhu namuu itti dhiheenyaan kan qorachuu qabu ta’a.

Haa ta’u malee, ABO-WBON xiyyeeffannoo dogoggoraa eenyummaa namoota yakka kana kallattiin raawwatanii irratti godhamaa jiru ni morma. Yakki kun qama hojii qindoominaa fi sagantaa waloo Paartii Badhaadhinaa fi finxaaleyyii Amaaraatiin karoorfamee duula sanyii duguuggaa Oromiyaa, Tigraay, Beenishaangul Gumuz, Qimaanti, Agaw, Affaar, Somaalee, Gambeellaa, Sidaamaa fi naannolee biroo keessatti deemsifamaa jiruuti. Ka’umsi yakka kanaa haasaa hamaa finxaleyyii Amaaraan irra deddebi’amee godhamu dha. Haasawa burjaajessaa Paartii Badhaanaa fi deeggartoota paartichaa shororkeessitoota Amaaraatiin kalaqamee adeemsifamaa jirutu dhala namaa gara bineensummaatti jijjiire. Finxaaleyyiin Amaaraa gartuulee hawaasaa aangoon Finfineetti gartuu tokko jalatti kuufamu morman irratti yeroo dheeraadhaaf duula maqaa xureessuu fi xiqqeessuu bifa gara garaatiin raawwataa turan. Akka kanaanis Oromoota, Tigiraayota, ummatoota Beenishangul Gumuz, Qimaanti, Agaw, Affaar, Somaalee, Gambeellaa, Sidaamaa, fi kanneen biroo irratti qiyyaafachuun xiqqeessaa turan. Dubbiin gaggeessitoonni Amaaraa fi abbootiin qabeenyaa isaanii muraasni taasisan addatti ragaa dha:

Andaargaachew Tsiggee, gorsaa ol’aanaan PP, Ezema, akkasumas miidiyaa afaan mootummaa ESAT’tiif daarikteera hojii raawwachisaa kan ta’e, naannoo Amaaraatti hawaasa walitti qabameen akkas jedhe:

“Isaaniif (Tigroota) dhiifama taasisuu hin qabdan. Safuu hawaasa keenyaatiin ala wantoota jiran irratti raawwachuu qabdu. Garaa jabina Bulgummaatiin isaanitti duuluu qabdu.

Warquu Aytanaw, abbaa qabeenyaa Amaaraa biliyeenara ta’ee fi deeggaraan PP ifatti kan hime: “Isaan (Tigroota) ajjeesuun qofti gahaa miti. Akkuma foon re’ee nyaattan sanatti ibiddaan waadditanii isaan nyaachuu qabdu.”

Haasawaan hundee hin qabne ifatti akka kanaan ummata duratti taasifamu addatti finxaaleyyiin Amaaraa maqaa Itoophiyaa jedhu uffatanii kan raawwatan ta’uu isaaniitiif akeektuu dha. Wantoonni jibbisiisoon irra deddeebi’anii Abiyii fi deeggartoota isaa finxaaleyyii ta’aniin adeemsifamaa jiran kunniin tasumaa hoggantoota siyaasaa yokaan gaggeessitoota hawaasa Oromoo, Tigraay yokaan saboota biraa biyyattii keessa jiraataniin raawwatee hin beeku.

Kanaafuu, eenyummaa namoota harki isaanii ibidda nama fayyaa ta’etti qabsiisuun gochaa suukkanneessaa raawwatan kanneeniin alatti, imaamannii fi haasawaan akkasumas qaamoti nageenyaa fi milishaan cufti kan mataan Paartii Badhaadhinaa Abiy Ahmad bobbaasee fi deeggartoota isaa leellistoota sirna Nafxanyaati. Egaan haasawaan rifachiisaan akka kanaa dhala namaa gara bineensaatti jijiiruu danda’uu isaatiif ragaa dha. Dabalataan, “Kanneen wantoota sababawaa hin taane akka amantee fudhattu si taasisan, fixinsa suukaneessaa akka raawwattus itti si oofuu danda’u” jechama jedhu dhogoomsa.

Itoophiyaa Abiy Ahmad gaggeessu keessatti taateewwan fakkaataan baratamaa dhufuu isaanii namuu akka qalbeeffatu yaadachiifna. Akkuma irra deddeebinee yaadachiisaa turre, Paartiin Badhaadhinaa fi deeggartoonni isaa fixinsa gaggeessan Waraana Bilisummaa Oromootti quba qabaa turan. Yeroo dhihoo kana PPn mooraa Poolisii Sanqalleetti namoota Afaan Oromoo dubbatan baay’inni isaanii 5,000 gahan yakka suukkanneessaa wal fakkaatan raawwachuun ittiin WBO yakkuuf leenjisanii bobbaasanii jiru.

Kanneen armaan gadii irratti shakkiin jiraachuu hin qabu:

1) Paartiin Badhaahinaa fi wahillan isaa finxaaleyyiin Amaaraa fixinsa sadarkaa sadarkaadhaan taasifamuu fi bifa suukkanneessaadhaan nama fayyaa ibiddaan gubanii ajjeesuun gochaa jabana dhagaatiin wal fakkaatu raawwataniif kallattiidhaan itti gaafatamu.

2) Naannoo Oromiyaa keessatti yakka wal fakkaataa ofii raawwachaa jiraniin Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin yakku.

3) Ragaa qabnuun PPn ammaan tana illee namoota Afaan Oromoo dubbatan baay’inaan leenjisuun ilmaan Oromoo fi saboota bicuu Oromiyaa keessa jiran fixuun akkasumas buqqisuudhaan Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin yakkuuf karoorfatanii carraaqqii taasisan itti fufanii jiru.

Haqni miidhamtootaaf! Injifannoon Ummata Oromoo fi Saboota Cunqurfamaniif!

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Bitootessa 14, 2022

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading