• Mon. Jan 12th, 2026

Waraanni murni maafi’aa PP godina Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee keessatti hidhaan namoota dararaa jiru

Jun 4, 2022

Waraanni murni maafi’aa PP godina Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee keessatti hidhaan namoota dararaa jiru.
( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Murni faashistii PP impaayeraa Itoophiyaa golee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi dararuu kan amaleeffatee godina Qellem Wallaggaa onaa Laaloo Qilee ganda Madaallee Kallisaatti manguddoo ganna 59 obbo Fayyeeraa Tolasaa ilmaa keetu miseensaa waranaa bilisummaa Oromooti jechuun marsaa 3ffaaf waajjira poolisii onichaatti baatii lama oliif dararaa jiraachuu maddeen keenyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Akka maddeen jiraattoota dubbisuun jedhanitti ilmaa isaanii Lammaa Fayyeeraa kan jedhamu dabalatee maatiin obbo Fayyeeraa Tolasaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa mana cufaatti hambisuun Bitootessa 24,2021 waraannii weraartuu pp qabanii hidhuun hanga har’aa hidhaa osoo hin baasin daraaraa agarsiisaa jiru.

Ebla 25 ,2022 immoo marsaa 3ffaaf ilma isaanii fuudhee, mana fi daa’ima ganna lamaa qabu fiduu didde jechuun mana jireenyaa isaaniitii qabanii badii tokko malee hidhuun hanga har’aa mana hidhaatti baatii lamaa oliif dararaa jiru.
Murni garboomfataa PP ilmaan Oromoo adaamsee hidhuu fi gama hundaan uummata Oromoo dararaa jiraachuun usaa qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu kan jedhan jiraattoota ona Laaloo Qilee ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading