• Sun. Jan 11th, 2026

Godina lixa Harargee ona Habroo keessatti murni fedhii uummata malee aangoo irra turuu fedhu humnaan dargaggoota leenjii waraanaatti ergaa jira

Jun 7, 2022

Godina lixa Harargee ona Habroo keessatti murni fedhii uummata malee aangoo irra turuu fedhu humnaan dargaggoota leenjii waraanaatti ergaa jira.

( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )

Gareen afaan qawween of ijaaree aangoo siyaasaa isaa tikfachuuf qawwaa isaatti ilmaan Oromoo umriin hin geenye maatii jalaa qabuun lola isaan hin ilaallanneef qopheessuuf leenjii waraanaatti adamsee qabuun ergaa jira.

Gateetti uummata Oromoo irratti jiraachaa kan jiru murni maafi’aa PP impaayeerattii keessatti lola sirnicha jijiiiruuf taasifamaa jiru dura dargaggoota Oromoo baay’inaan naannoo dhalata isaanii irraa qabuun leenjiif erguu itti fufuun torbee darbe kana godina lixa Harargee ona Habroo keessaa qeerroowwan Oromoo hedduun qabuun leenjiif fe’anio jiru.

Qeerroowwan qabaman kana keessa barattoota kutaa 6 hanga sadarkaa barnoota digirii kan qabanii fi daa’imman waggaa 14 keessatti argamu.

Godina lixa Harargee ona Habroo dabatee onoowwan akka Daaroo Labuu, ona Ciroo fi Xuulloo keessatti duula jabaa kan bara Dargii caalu sanaan qeerroowwan lakkoofsaan hedduu ta’an qabanii du’aaf ergaa jiraachuu odeessi godinicha irraa nu qaqqabu ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading