Itoophiyaa fi Keeniyaa gabaa Jimaa Soomaaliyaaf wal dorgommii keessa seenuu gaazexaan Tuko ibse.
( ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Dhorkaan Jimaa Keeniyaa waggoottan lamaan darbe akka biyya Soomaaliyaa hin seenneef ka’amee ture Kamisa darbe Waxabajjii 9,2022 wal dubbii dippiloomaasii Uuruu Keeniyaataa fi pirezidaantii haaraa Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud waliin taasifameen ka’uu gaazexaan Tuko ibsee jira.
Akka gaazexaan kun ibsetti barreessaan ministeera Qonnaa Keeniyaa Piiter Muuniyaa jedhetti hoggantootni biyyoota lameenii torban lama gidduutti waliigaltee ni mallatteessu jedhama.
Waliigaltee Keeniyaan Soomaaliyaa waliin taasistuun Keeniyaa daldala Shilingii Keeniyaa biliyoona 13 argatti.
Impaayeerri Itoophiyaa waggoottan lamaan darban dhorkamuu jimaa Keeniyaan wal qabatee gabaa jimaa Soomaaliyaa dhuunfaan qabattee kan turte yoo ta’u ala ergee impaayeerattii keessaa parsantaa 11 ykn doolara miliyoon 400 ol akka argachaa turte ragaan ni ibsa.
Haala amma Keeniyaan gabaa Soomaaliyaatti deebi’uuf waliigtee goote cinaatti gatiin Jimaa impaayeerattii yeroo dhihoo kaasee dabaluun wal qabatee gabaa jimaa Soomaaliyaa keessatti dorgommii cimaan akka ishee eeggatu ibsameera.
Impaayeerattiin erga Abiy Ahimed aangoo irratti ol ba’ee gara jalqabaa carraan fuula ishee gara impaayeerattiitti waan deebiste yoo fakkaate iyyuu oolee osoo hin bulin hiree daldalaa hedduu dhabuun qophxaa’aa jiraachuun kufaatii diinagdeef saaxilamuun ishee beekamaa dha.
