• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baaleetti Hawaasni Oromoo Hongeen Dhumuutti Jira

Aug 1, 2022

Godina Baaleetti Hawaasni Oromoo Hongeen Dhumuutti Jira.

[SQ Hagayya 1/2022]

Godina Baalee Ona Harannaa Bulluq araddaa Malkaa Arbaa jedhamutti hawaasni Oromoo sababa hanqina roobaatiin wal qabatee yeroo ammaa kana beelaa fi hongee hamaaf saaxilamaa jiraachuun dhagaa’ame.

Godinaalee Oromiyaa keessattuu Gojii, Boorana keessatti yeroo addaa addaatti dhumaatii uummata keenyaa hanqina roobaatiin miidhamanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Ammas haaluma wal fakkaatuun hongee fi beelli kun jiraattota Godina Baalee keessumattuu hawaasa Ona Malkaa Arbaa heedduu miidhaa jira. Gargaarsi mootummaas ta’e qaama birootiin godhamu jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e haala yaaddessaa keessatti argamuu fi hawaasni Oromoo biyya alaa fi keessa jiraatus birmannaa Oromummaa akka godhaniif jiraattonni Godinichaa dhaamsa Sagalee Qeerroof dhaamaniin ifa godhaniiru.

Leave a Reply