Ajjechaa fi dhumaatiin Ilmaan Oromoorra Oromummaa qofaaf gahu akkuma itti fufetti jira.
(SQ-Hagayya 02, 2022)
Murni Shiftaa maqaa Mootummaa jedhuun of waamuu fi kan Oromummaan yakkee Oromoo lafarraa daguugaa jiru badii malee mana hidhaatii baasee Oromummaa qofaaf nama ajjeesuu jabeessee itti fufee jira.
Obbo Gaaddisaa Tulluu Jiraataa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Magaalaa Doonii kan ta’an sababa Oromummaa qofaaf yeroo garaagaraatti hidhaaf dararaan kan irratti raawwatamaa ture, dararaaf rakkoo baqa akkasumas hojjetanii maatii ofii jiraachisuug gara Magaalaa Adaamaatti galuun nama Hojii Mukaa hojjetee jireenya isaanii geggeeffatu kan turan; badii malee Torban dura Magaalaa Adaamaatii qabamuun Gara Buufata Poolisii Magaalaa Oolancitii deebifamuun erga hidhamanii booda, Adoolessa 28, 2022 halkan sa’a 3:30tti baafamuun nama lama faana bakka gaara Boosat jedhamutti ajjeefamuun du’aan isaanii (namni sadii) kan eenyummaan isaanillee adda baasuuf dadhabame argamee awwalamuu Sagaleen Qeerroo maddeen bakka sanaarraa mirkaneeffateera.
Obbo Gaaddisaan Uummata keessattis nama jaalalaafi kabaja qabu ta’uu maddeen heeranii; ajjeefamuun isaanii WBOtti hidhata qabda kan jedhuyyuu haa ta’u malee ajjechaa Oromummaa qofa sababeeffate ta’uu isaati jedhan.
Torbanuma darbe kana keessas Manneen jiraattota 70 caalu bakka Buufata 5ffaa jedhamutti Humnoota Mootummaan gubamuufi Mootimmaanis Jiraattotaan Baadiyaadhaa bahaa gara magaalaa galaa Mootummaan haala isiniif mijeessaa, kanneen Baadiyaatti haftan deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Uummata doorsisaa akka jiru jiraattonni nuuf mirkaneessaniiru.

