Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti hidhattoonni faashistii PP nama nagaa sadii ajjeesan.
ONM-ABO Hagayya 26,2022 garee maafiyaa impaayeera Itoophiyaa dukkaana da’oo godhatanii sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuun akka waan waraanni bilisummaa Oroomo ajjeesetti afanfaajjii uumaa jiru.
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeesee faayidaa siyaaasaaf oolfachuu barbaadu Hagayya 23,2022 godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaana magaala Giddaa Ayyaana keessatti dargaggoo Araarsaa Tashoome jedhamu halkan mana itti cabsuun rasaasaan ajjeesa.
Dargaggoo kana erga ajjeesaniin booda karaa dabballoota isaanii ammoo olola Waraana Bilisummaa Oroomotu ajjeese jedhu uummata keessa gadhiisuun WBO maqaa xureessuuf hojjechaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.
Ajjeechaan halkan da’oo godhachuun waraana bilxiginnaan raawwatamu ittuma fufuun Hagayya 24,2022 aanuma Giddaa Ayyaana magaalaa Giddaa Ayyaana keessatti halkan nama maqaan isaa Mokonnin Tagany jedhamu ajjeesanii osoo ba’aa jiranii namni maqaan isaa Phaawulos jedhamu waan argeef isas naasuu tokko male rasaasa itti roobsun ajjeesu maddeen dabaluun addeessaniiru.
Ilmi Oromoo Phaawulos jedhamu kun dhalootaan nama aanaa Eebantuu yoo ta’u sababa waraanni sirna balfama PP dargaggoo Mokonnin Tagany ajjeesu isaanii argeef gocha farrumma isaanii dhokfachuuf jecha akka ajjeesan jiraattootni maddeenitti himaniiru.
